SULXAAN/MOOTII ABBAA JIFAAR ❄❄❄

 Ustaaz #Ahmedin_Jebal) irraa 

❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄




Kutaa 1ffaa
✫✫✫✫✫✫
“Muhammad Ibnu Daawuud – Yeroo kuma tokko gabricha Rabbii” (Abbaa Jifaar)
✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫✫

Seenaa Itoophiyaa keessatti namummaaleen Muslimaa leelliffamoon heddu uumamaniiru. Baay’eewwan isaanii seenaan jaraa faaraan hin beekkamu. Isaan biroo ammoo hubannoon dogoggoraa isaan irratti uumameera. Gariiwwan hooggantoota yoo ta’an isaan biroo immoo Ulamootaa dha. Mootummaaleen Islaamummaatis hundeeffamaniiru. Sulxaaneetonni seenaa leellifamoo qabaataa turan dabaree dabareedhaan haleellamaa kufaniiru. Kanneen keessaayis xumura irratti kan carraan ishee dhaqqabe Jimmaa Abbaa Jifaarii turte. Mootota Islaamummaa gidduu xumura irratti kan turan Abbaa Jifaar yoo ta’an Muslimoota Itoophiyaa isaan cunqurfamaniifi miidhamni isaan irra gaheef hirikannaa turan. Atsee Yohannisiin Muslimoota Wolloo irratti ciramiinsi yommuu raawwatamu Jimmaan iddoo dheefaa tokko turte. Biyya bulchiinsa Islaamummaa taatee hanga jaarraa digdamaatti tan itti fullaate kutaa bulchiinsa Itoophiyaa tan qofaatis turte. Seenaa ishee leellifamoo kanaaf akkuma akaakayyoota isaanii gumaachi Abbaa Jifaar olaanaa ture.

Muhammadii Osoo Hin Dhalatin Mootome
✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳

Mootittiin Haliimaan bint Anshaa dhayuudhaaf dhihaataniiru. Mootichi Abbaa Gomool Abbaabooqaa (Daawuud bin Alii) mootittii maatii mooteffannoo Muslima Gumaa irraa yommuu fuudhan ilmi isaanii kan angafaa dhaalaa aangoo ta’uuf waliigaluun ture. Wiixata Rabii’al Awwal 12-1281 Hijiraatti (A.L.A Hagayya/August guyyaa 15,1864tti) yeroon isaa gaheetiin ilma dhiiraa dhayan. “Muhammad” yoo jedhan maqaa ittibaafatan. Muhammad abbaa isaatiif ilma afraffaa ta’us mootittii Haliimaaf immoo ilma angafaati. Dhiira ta’uusaatiin bu’uura waliigaltichaatiin akka isaan bakka bu’u abbaan yoo beekan itti gammadanu. /Kitaaba Seenaa Abbaan Joobir Abbaaduulaa Abbaajifaar Arabiffaan barreessan/

Maqaan isaanii kan Islaamummaa Muhammad bin Daawuud jedhamus bu’uura aadaa Oromootti maqaan “Tulluu” jedhamu baafameef. Qur’aana achumatti masaraa Jimmaa Jireenitti baratan (qara’an).

Afaan Arabaatii fi barumsa Diiniitis siyaasa duukaa baratan./ Barlu Tafla, Asma Giyorgis and His Work History of the Oromo and the Kingdom of Sawa, Franz Steiner Verlag Wiesbaden GMBU Stutiear 8, 1987, p.720/

A.L.A 1875tti abbaan isaanii mootichi Daawuud (Abbaan Gomool) du’an. Ilmi isaanii Muhammad bin Daawuud hanga mootomutti duuti Abbaa Gomool iccitiin qabame.

Masaraatti sirni mooteffannoo adeemsifame. Sirnicha irratti Muhammadiin ol-guddataan seenaa mootummaa Jimmaa keessatti maqaa guddaafi leellifamaa kan qabaataa turan maqaa “Abbaajifaar Duraa” tiin maqaa mooteffannoo isaanii “Abbaa Jifaar” jechisiisanu. Abbaan Jifaar Duraa 1830-1854tti Jimmaan kan hoogganan yoo ta’an mootota Jimmaa gidduu yeroo jalqabaatiif 1830tti Islaamummaa kan fudhataniifi Islaamummaan amantii mootummaa akka ta’u kan godhaniidha. Mooteffamuu isaaniitiin booda maqaan ishee “Jimmaa Kakaa” (mootummaa Jimmaa kakuudhaan hundeeffame) jedhuutti jijjiirame.

Maqaan dhaloota isaanii “Sannaa” kan jedhaman Abbaan Jifaar Duraa Jimmaan jajjabeessanii leellifamtuu taasiisaniiru. Maarree mootichi ol-guddataan Muhammad bin Daawuud maqaa abaabayyuu isaatiin maqaa mooteffannoo isaa mooggaasuun “Seenaan ofdeebisa” akkawaan jechuu ture. Aangoon mooticha ol-guddataa badada harmee isaa mootittii Haliimaa (Gennee Gumaytii) fi Abbaa Goolee Abbaa Jiilchaa fi qondaaltoota olaanoo biroo jala godhame. Kana booda duuti mooticha Abbaa Gomool ifa godhame. Akkanas jedhamee labsame:

Iyyaa iyya dabarsaa

Mootichi darbaniiru

Ilmi Gennee Guumittii mootomaniiru./ Ketebo Abdiyo, Abba Jifar II of Jimma Kingdom, 1861-1934; A Biography, 2003, Jimma University, p.13-14/

Badaddoota gidduu shoorri harmee isaa kan mootittii Haliimaa olaanaa ture. Turtii woggoota afuriitiin booda Bitooteessa/March/ 1878tti Abbaan Jifaar Lammaffaa off danda’anii hoogganuu eegalan./ Chris Prouty Rosenfeld, A Chronology of Menilek of Ethiopia, African Studies Center of Michigan State University, USA, 1976, p.79 /

Islaamummaan biyya isaanii keessatti akka cimuus godhuu jalqaban. Kutaalee bulchiinsaa jahaattamman\60\ keessatti Qoorroo (adda addaa) keessa jiran Madrasaalee Islaamummaa jahaatamanuu keessatti Qir’aatin cimee akka ittifufu taasisan. Wolloon irraa cirama Atsee Yohannisii fi Minilikii fa’aan Ulamoonni gara Jimmaa dheessan Masjidaafi Madrasaalee keessa taa’anii akka qaraasisan jajjabeessuu qabatan. Aalimoota doggomuufi kooluu galchuun dahoo jaraaf ta’anu./ Ketebo Abdiyo, p.37/

Minilikii Shawaa wajjiin biyya addaan ciccirachuuf waldorgommii keessa kanneen seenan Takla Haymaanootiin Goojjaamii A.L.A 1881tti Jimmaan gabbarsiisuuf woraana ergan. Woraanicha Raas Darasuun hooggananii gara Jimmaa dhihaatan./ Ketebo, p.15/

Mootichi dargaggoon umrii 17 Abbaan Jifaar Ulamootaafi qondaaltoota isaanii walgahii waaman. Dhimmicha addeessaniif. “Hattattamaan furmaata irra gahuu qabna” jedhan. Ulamoottaniifi abbootiin murtii garaagarummaa meeshaatiifi dhihaatiinsa diinaa ibsuudhaan gara “Ofirraa ittisuun nama rakkisa” jedhuutti daban. Abbaan Jifaar garuu diinaaf gabbaruun isaaniif hin liqifamne. “Maaliif Jihaada hin labsine?” jedhan. Battalumatti naannichatti kanneen turan mootummaalee Muslimaa ta’an hooggantoota Gummaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa hattattamaan “Jihaada waliin labsineetiin mataa keenya haa ittismaatnu” jechuun waamicha godhaniif. Woraanni diinaa sardamaa jira waan ta’eef dhaabsisuufi yeroo bitachuuf raayyaa woraana isaanii keessaa filatanii toora “Xiroo Afataa” jedhamu irratti diina qunnaman. Woraanni Abbaa Jifaar yoosuu injifatame. Abbaan Jifaar yeroo kanatti Abbaa Reebuu Qajeelloo erguun Darasuun maal akka barbaadu akka qulqulleeffatu ergan. Ittismaata wal wajjiitiif kan waamame woraanni naannichaa ni barfate. Ulamooni Abbaan Jifaar Jihaadaaf akka hin labsine gorsaniin. Keessattuu Sheekh Aadam Gummaa (Sheekkota Gummaa) “Diinni naannoo keenya keessa erga seeneen booda Jihaada akka hin labsine!” jechuudhaan akeekkachiisanu. Goolabbii “Gabbaruu woyya” jedhamu irra gahame. Gara woraana Darasuu kan ergaman Abbaan Reebuu Qajeelloo deebi’anii “Darasuun kan barbaadu Gibiraafi biyya keessan keessa darbuu qofa” jechuun ibsan. Yeroo kanatti dhiibbaan haadha isaaniitiifi Ulamootaa kan itti cime Abbaan Jifaar gabbaruudhaaf waliigalanu. Woraanni Darasuutis akka daangaa Jimmaafi Limmuutiin darbu taasifame.

Mootichi Gummaa Abbaan Joobir gabbaruu Abbaa Jifaar yeroo dhagahetti dallanuudhaan kophaa isaatti Jihaada labse. Gummaatti dhiheenya laga Deddessaatti maqaan isaa kan addaa “Bakkee Ganjii” irratti woraanni guyyaa tokkoof adeemsifame. Humna woraanaatiin tan caalamte Gummaan ni injifatamte. Mootichi Abbaan Joobirii fi obboleessi isaanii Abbaan Diggaa Jihaadicha irratti wareegamanu. Gummaanis too’annaa jala oolte./ Abdulkarim Aba Garo, the History of Jimma Kingdom Under Abba Jifar II 1877-1933, Yekatit 66 Political School, Addis Ababa, 1988, p.46-47/

Yeroo kanatti Minilik morkataa isaa woraana Takla Haymaanootii Goojjaamitiin injafatamuu Gummaatiifi gabbaruu Jimmaa dhagahe. Hoogganicha woraanaa Goobana Daaccee hattattamaan gara naannichaatti erge. Disambar 1881tti woraanni Raas Goobanaa gahe. Woraanni Minilikiifi woraanni Takla Haymaanootii Goojjaamii walworaansa qunnaman. Hooggantoota woraanaa lamaan gidduutti Goobanaafi Darasuu gidduutti woraanni cime. Jaboomuu woraana Minilikii kan ilaale Darasuun duubatti siiquun naannicha irraa dheesse./ Guluma Gemeda, Gomma and Limmu: the Process of State Formations among the Oromo in the Gibe Region C. 1750-1889, 1984, p. 159-160/

Woraana mootichi Takla Haymaanootii kan ari’e woraanni Minilikii Abbaa Jifaar wajjiin irradubbannoon (Negotiation) godhame. Waliigaltee irras gahan. Qabxichi waliigaltee kan itti aanu ture:

A/  Dhimma Jimmaa kan keessaa Minilik gidduu akka hin seenne.

B/  Jimmaan keessatti bataskaanni akka hin ijaaramne (Jimmaan biyya Islaamaa waan taateef).

C/  Woraanni Minilik Jimmaan keessa akka hin bulle (hin qubanne) yoo ta’u Abbaan Jifaar dabaree isaaniitiin Minilikiif wogguuyyuu gabbaruuf, aangoo isaaniitiif beekamtii kennuufi barbaachisaa yoo ta’e woraanaan tumsuuf waliif mallattessan./ Ketebo Abdiyo, p.16/

Waliigaltee kanaan booda Abbaan Jifaar wogguuyyuu Minilikiif ni gabbaruu ture. Mootummaalee Muslimaa shanan Gibee (Mootummaalee Shanan Gibee) keessaa Jimmaan alaa kanneen jiran afran woraanaan barbadaayanii woraana Kiristaanaa jala oolan. Bataskaannis keessatti ijaarame. Abbaan Jifaar gorsa Ulamootaa dhagayuu isaaniitiin nagayaan gabbaruuf waliif mallatteessan. Mootummaa Islaamawaa isaaniitis hubaatiifi badii jalaa baraaran.

Itti fufaa...

No comments:

Post a Comment